Saayinsiin Saala Hin Qabu

Bara 1915tti (A.L.A.) ogeessi herregaa beekamaanii fi piroofeesara Yuunivarsiitii Goottingen kan ture Deevid Hilbert, hiriyoota isaa dubartiin tokko yuunivarsiiticha keessatti barsiistuu taatee akka hin qacaramne cimsanii mormaniif deebii kofalchiisaa fi ilaalcha namaa jijjiiru kana kennee ture:

Saalli iyyattuu qacarriidhaaf gufuu kan ta'u sababni tokkollee natti hin mul'atu. Nuti kan jirru yuunivarsiitii keessa malee mana dhiqannaa uummataa keessa miti!

Deebii seena-qabeessa hayyuun herregaa David Hilbert mirga barnoota dubartootaaf falmuuf kenne. | Madda: https://network.febs.org/posts/33574v

Piroofeesar Hilbert kana kan dubbate Emmii Nooyizar, nama Alberti Anistaayin karaa saayinsaawaa ta’een "ogeettii herregaa guddittii" jedhee waame gara kutaa barnoota herregaatti fiduuf yeroo qabsaa’aa turetti ture. Seenaan saayinsii yeroo baay’ee walakkaa ilmaan namaa haala moggaatti dhiiseen yeroo himamu mul’ata. Haa ta’u malee, dubartoonni caasaa DNA irraa kaasee hanga gaalaaksiiwwaniitti hubannoo nuti waa’ee hawaa qabnu ijaaruu keessatti gahee bu’uuraa taphataniiru. Barreeffamni kun imala saayinsii dubartootaa, gufuuwwan isaan keessa darbanii fi hojiiwwan ammallee hafan gabaabsee ilaala.

Advertisement

Fakkeenyota Durii: Gahee Dubartootaa Bara Darbe Keessatti

Jaarraawwan hedduudhaaf dubartoonni barnoota idilee dhorkamanii ykn hojii hojjetaniif beekamtii osoo hin argatin qabsoo guddaadhaan saayinsiif gumaacha godhaniiru. Hedduun isaanii akka gargaartotaatti ykn akka "kompiitara namtolchee" lakkaa’amanii hojjechaa turan. 

Fakkeenyaaf muraasa maqaa dhahuuf, Hipaatiyaa Oof Aleksaandiriyaa (Hypatia of Alexandria) biyya Gibxiitti seenaa keessatti dubartoota hayyoota herregaa fi qorannoo urjii jalqaba galmaa’an keessaa ishee tokkodha. Dhuma jaarraa 19ffaa irratti dubartoonni akka Aannii Jaampi Kaanoon fi Henriittaa Siwaan Leeviit odeeffannoo qorannoo urjii xiinxaluudhaan hojii guddaa hojjetaniiru. Leeviit fageenya gaalaaksiiwwanii safaruuf foormulaa dandeessisu argachuu isheetiin beekamti. Maarii Kuurii dameewwan saayinsii lamaan (Fiiziksii fi Keemistirii) badhaasa Noobelii mo’achuudhaan nama jalqabaati. Qorannoon isheen Raadiyoo’aktiivitii irratti taasiste har’allee saayintistoota dubartootaatiif akka fakkeenya guddaatti eerama. 

ESSS Classic Sticker Pack
ESSS Classic Sticker Pack
Get Yours
Hayyoota dubartootaa saayinsii keessatti dhiibbaa guddaa uuman: Maarii Kuurii, Raachel Kaarsan, Dr. Jeen C. Raayit, Dr. Aaliis Haamiiltoon fi Baarbaaraa MaakKiliintook. | Madda: https://cbr.ubc.ca/bridging-the-gap-challenges-for-women-in-science-and-academia | Madda Suuraa: www.mobio.com

Walakkaa Jaarraa 20ffaa: Jijjiirama Saayinsii fi Hawaasummaa

Boqonnaan seenaa kun (keessattuu waggoota 1945 hanga 1970 jiran) yeroo saayinsiin tuuta "dhiironni aangoo qaban" muraasni qofti keessatti hirmaatan irraa gara ogummaa dhaabbataa fi addunyaawaatti itti ce’e ture. Dubartootaaf immoo yeroon kun gargaartummaa kaffaltii hin qabne ykn xiinxaltummaa odeeffannoo (Data Processors) keessaa bahanii gara qorattummaa olaanaa fi hoggansa hayyummaatti kan itti ce’an boqonnaa "warraaqsaati". Walakkaa jaarraa 20ffaa irratti dubartoonni xiinxaltummaa odeeffannoo irraa gara qorattummaa olaanaatti ce’uudhaan addunyaa saayinsii jijjiiraniiru.

Related ሰዎች ማርስ ላይ ከመኖራቸው በፊት ናሳ ስለ አቧራው የጤና ገደብ ለምን አወጣ?

Waatsanii fi Kiriik caasaa DNA argachuu isaaniitiin kan beekaman ta’us, suuraan raajii (X-ray) "Photo 51" jedhamu kan Roozaalind Firaankiliin kaaste argannoo kanaaf ragaa isa guddaa fi murteessaa ture. Dubartoonni akka Kaatiriin Joonsan fi Doorotii Voon lammiileen Ameerikaa jalqabaa gara hawaatti akka furguggifamanii fi ji’a irra akka qubatan shallaga herregaa walxaxaa ta’e kan hojjetan utubaawwan dhokatoo turan. Sesiiliyaa Peeyin-Gaapooshkiin urjiileen irra caalaan Haayidroojiinii fi Hiiliyeemii irraa akka ijaaraman mirkaneessiteetti. Argannoon ishee kun jalqaba irratti hiriyoota ishee dhiiraatiin fudhatama dhabee kan ture ta’us, booda irratti garuu seenaa qorannoo urjii keessatti qorannoo PhD isa baay’ee dinqisiisaa jedhamee ragaa bahameeraaf. 

Saayintistootaa fi injiinaroota dubartootaa fakkeenya ta’an kan milkaa’ina ergama hawaa NASA tiif gahee murteessaa taphatan. Madda Suuraa: https://www.history.com/articles/human-computers-women-at-nasa

Qaawwaawwan: Qormaatawwan Warraaqsa Boodas Mul’atan

Warraaqsi kun hedduudhaaf balbala banus, ragaaleen akka agarsiisanitti "ujummoowwan dhimma’an" (Leaky Pipeline) ammallee qormaata addunyaawaa ta’anii itti fufaniiru. Jechi “Leaky Pipeline jedhu” dameewwan Saayinsii, Teeknooloojii, Injiinaringii fi Herregaa (STEM) keessatti dubartoonni adeemsa barnootaa fi hojii keessa osoo jiranii sadarkaa sadarkaan hir’achuu isaanii ykn damicha dhiisanii bahuu isaanii ibsuuf jecha fakkeenyaan fayyadamudha; qaawwaan kunis biyyaa biyyattii fi damee saayinsiitiin garaagarummaa qabu.

Advertisement
Hewa+ Ad
Ad

Akka ragaan Dhaabbanni Istaatistiksii UNESCO waggoota 2015 hanga 2018 jiran keessatti biyyoota 107 hirmaachisuun qindeesse agarsiisutti; sadarkaa addunyaatti qorattoota waliigalaa keessaa qoodni dubartootaa %33.3 qofa. Dameewwan saayinsii lubbu-qabeeyyii (Life Sciences) tokko tokko keessatti walqixxummaan saalaa mul’atus, saayinsiiwwan akka injiinaringii, fiiziksii fi saayinsii kompiitaraa irratti ammallee olaantummaan dhiirotaatu mul’ata. Kunis irra caalaa kan maddu ilaalcha dogoggoraa hawaasni dubartootaaf qabuu fi shamarran jalaa kaasanii barnoota herregaa akka hin hordofne dhiibbaa godhamu irraati.

Giraafii gahee gadi aanaa qorattoonni dubartootaa sadarkaa addunyaafi Afrikaatti qaban, akkasumas garaagarummaa guddaa dameewwan saayinsii gidduu jiru agarsiisu.| Madda Odeeffannoo: https://www.unesco.org/en/articles/one-three-researchers-woman

Giraafii qooda gadi aanaa qorattoota dubartootaa sadarkaa addunyaa fi Afrikaatti jiru akkasumas garaagarummaa guddaa dameewwan saayinsii gidduu jiru agarsiisu. Qaawwaan kun caalaatti kan mul’atu yeroo dameewwan barnootaa adda addaa walbira qabnee ilaalludha. Fakkeenyaaf dubartoonni damee baayooloojii fi fayyaa keessatti qooda walakkaa ol kan qabatan ta’us, saayinsii kompiitaraa fi fiiziksii keessatti garuu qoodni isaanii %20 gadi. Kunis kan agarsiisu dameen barnootaa tokko "dandeettii addaa" kan gaafatu ta’ee yeroo fudhatamutti hirmaannaan dubartootaa hir’achaa akka deemudha.

ESSS Color Sticker Pack
ESSS Color Sticker Pack
Get Yours

Afrikaa keessatti qormaatawwan kun bifa hedduu qabu. Biyyoonni akka Afrikaa Kibbaa fi Gibxii hirmaannaa fooyya’aa kan agarsiisan ta’us, ardicha keessatti giddugaleessaan qoodni qorattoota dubartootaa %30 naannawa dha. Kanaafis akka sababa guddaatti kan eeraman hanqina bu’uuraalee misoomaa qorannoo olaanoo, xiqqaachuu hoggantoota dubartootaa (Mentors) fi dhiibbaan hojii manaa hojii qorannoo waliin walitti bu’uu isaati. Akka ragaan UNESCO agarsiisutti giraafii qooda qorattoota dubartootaa biyyoota Afrikaa Sahaaraa gadii (%31.5) giddugaleessa addunyaa fi sadarkaa walqixxummaa barbaadamu (%50) waliin walbira qabuun agarsiisu. 

Akka ragaan UNESCO agarsiisutti, giraafii gahee qorattoonni dubartootaa biyyoota Afrikaa Sahaaraa gadii keessatti qaban (%31.5) giddu-galeessa addunyaafi sadarkaa walqixxummaa koorniyaa barbaadamu (%50) waliin walbira qabuun agarsiisu. | Wabii: Beaudry, C., Mouton, J., & Prozesky, H. (2018). The Next Generation of Scientists in Africa. African Minds. https://www.uis.unesco.org/en

Damee qorannoo urjii keessatti bakka bu’ummaan dubartootaa fooyya’aa dhufus, sadarkaa hoggansa olaanaa irratti garuu ammallee gadi aanaadha. Bara durii keessa dubartoonni akka "kompiitaraatti" (xiinxaltota odeeffannoo) qofa ilaalamu turan; har’a garuu miseensota Waldaa Qorannoo Urjii Addunyaa (IAU) keessaa dubartoonni %20 qofa. Dameewwan teeknikaa akka shallaga kompiitaraa olaanaa (High-Performance Computing - HPC) irratti dubartoonni bakka hojii isaaniitti dubartii kophaa ta’uu isaaniitiin dhiibbaa xiinsammuu isaan mudatu dandamachuuf dirqamu. Wabii: International Astronomical Union (IAU). (2023). IAU Membership Statistics: Geographical and Gender Distribution. Link to IAU Stats

Related የፉካንግ ፓላሳይት (The Fukang Pallasite)

Kaka’umsa: Carraa Fuuldura Keenyaa

Mana yaalii keessatti "hayyama argachuu" irraa gara "mana yaalichaa hoogganuutti" ce’uun milkaa’ina guddaa bara keenyaati. Ifa gaalaaksiiwwan fagoo yoo qorattan ykn teeknooloojii hawaasa naannoo keessaniitiif furmaata ta’u yoo uumtan, sagaleen keessan motora jijjiiramaati. Ergaan kun saayintistoota dubartootaa dhaloota itti aanuuf haa gahu: Ilaalchi keessan guddina saayinsiitiif baay’ee murteessaadha. Saayinsiin odeeffannoo walitti qabuu qofa osoo hin taane, ogummaa gaaffii sirrii gaafachuutiis dabalata. Dubartoonni yeroo moggeeffaman, addunyaan karaalee haaraa rakkoo ittiin hiiktu dhabdi. Akka xumuraatti, gorsa guddaa dubartii gurraattii Ameerikaa jalqaba gara hawaa deemte Dr. Meey Jemiisan dubbatte haa yaadannu:

Namni tokkollee sammuu yaada keessanii, kalaqa keessanii ykn fedhii beekuu keessan akka isin jalaa fudhatu hin hayyaminaa. Kun addunyaa kana irratti bakka keessani; jireenya keessanis. - Dr. Meey Jemiisan (Dubartii gurraattii Ameerikaa jalqaba gara hawaa deemte)

Dr. Meey Jemiisan: Injinera, ogeettii fayyaafi dubartii gurraattii Ameerikaa jalqaba gara hawaa deemte (bara 1992). Madda Suuraa: https://www.innovationnewsnetwork.com/black-excellence-in-space-honouring-nasas-history-makers/3234/

Walumaagalatti, guddinni saayinsii dandeettii yaaduu, kalaqaafi fedhii beekuu nama hundaa irratti hirkata; kanaafuu, dubartoonnis ta'e ilmi namaa kamiyyuu daangaa tokko malee saayinsii keessatti hirmaachuufi hooggansa fudhachuuf mirga uumamaa qaba!

Advertisement