Mana Yaalii Xiin-urjii Eessatti Argama?

Qorattoonni damee Baayoloojii ykn Keemistirii keessatti hojjetan wanta qoratan mana yaalii keessatti qabatanii yaalii barbaadan gaggeessuu ni danda'u. Xiin-urjii keessatti garuu haalli isaa adda dha. Qaamoleen samii irratti argaman nu irraa baay’ee fagoo waan jiraniif, qorannoon keenya irra caalaan ‘ergamaa’ isaan nutti ergan, jechuunis ifa isaan irraa gara keenyatti dhufu irratti hundaa’a. Xiin-urjii keessatti mana yaalii keenya inni guddaan Hawaa mataa isaati.

Fageenya gudda kana hubachuuf, wantoota namni hanga ammaatti hojjete keessaa isa fageenya dheeraa imale, meeshaa qorannoo hawaa Vooyajer 1 (Voyager 1) jedhamu akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Meeshaan hawaa kun saffisa sa'aatii tokko keessatti maayilii 38,000 ol ta'een waggoota gara 50f imalaa turus, fageenya gara Prooksimaa Sentawurii (Proxima Centauri), urjii nutti dhihoo jiru, geessu keessaa 0.05% illee hin imalle. Saffisa kanaan wiirtuu ykn walakkaa galaaksii keenya Milkii Weey ga'uuf waggoota miliyoona 450 ol nu fudhata. Kan malees, galaaksiin keenya galaana hawaa bal'aa kana keessatti akkuma copha bishaanii xiqqoo tokko qofa. Tilmaamni saayinsii yeroo ammaa akka agarsiisutti, Hawaa mul'atu (Observable Universe) ykn kutaa hawaa ifni isaa hanga ammaatti nu bira ga’uu danda’e keessatti galaaksiiwwan biliyoona 200 hanga tiriliyoona 2tti tilmaamaman argamu.

Meeshaa qorannoo hawaa NASA Vooyajer 1, bara 1977 (ALA) irraa eegalee sirna Aduu keenya qorachaa jiru. Madda suuraa: Stacey Zhu / Mashable composite; NASA / JPL-Caltech

Kanaafidha Xiin-urjiin saayinsii kutaa xiqqoo ykn mana yaalii nuti ijaarre keessatti qofa daangeffamu miti kan jennuuf; Hawaan mataan isaa mana yaalii keenya isa guddaa dha! Qorannoo Xiin-urjii keessatti ifni odeeffannoo qofa osoo hin taane, ergamaa seenaa darbe illee baatee kan nu bira geessu dha.

Advertisement

Beekumsi hanga ammaatti arganne irra caalaan, caasaa Aduu irraa kaasee hanga babal’achuu Hawaatti, bu’aa dandeettii keenya ifa nu bira ga’u hiikuu fi qorachuu ti. Saffisni ifni ittiin imalu daangeffamaa waan ta’eef, ifni urjiilee fagoo irraa gara keenya ga’uuf yeroo dheeraa fudhata. Kana jechuun, yeroo urjiilee fagoo ilaallu, bifa isaan yeroo ammaa qaban osoo hin taane, bifa isaan yeroo ifa nutti ergan qaban argina. Fakkeenyaaf, yoo urjiin tokko nu irraa waggaa-ifa 100 fagaatte, ifa ishee har’a nutti dhufuuf waggaa 100 fudhata. Kanaaf, urjii sana akkuma waggaa 100 dura turteetti argina. Haala kanaan, wantoota Hawaa keessatti fagoo jiran yeroo ilaallu, seenaa isaanii gara darbeetti deebinee ilaalaa jirra jechuu dha. Kanaaf, yeroo hawaa ilaallu fageenya qofa osoo hin taane, seenaa yeroo darbe keessatti raawwatame gara duubaatti akka maashinii yeroo fayyadamnee ilaalaa jirra jechuudha.

Madda suuraa: NASA, ESA (Herschel fi Planck), Lavochkin Association (Spektr-R), HESS Collaboration (HESS), Salt Foundation (SALT), Rick Peterson/WMKO (Keck), Gemini Observatory/AURA (Gemini), CARMA team (CARMA), fi NRAO/AUI (Greenbank fi VLA). Suuraan duubbee NASA irraa fudhatame. Odeeffannoo dabalataaf: Forbes / Starts With A Bang.

Ilaalcha Ijaan Qofa irraa Hanga Teeknooloojii Ammayyaatti 

Bara teleskooppiin hin uumamin dura, foddaan namni samii qorachuuf qabu ija isaa qofa ture. Iji keenya bal’inni isaa milimeetira muraasa waan ta’eef, hamma ifa inni fudhachuu danda’u daangeffamaa ta’us, meeshaa uumamaan nuuf kenname kanaan hamma tokko Hawaa dinqisiifachuu fi iccitii isaa hordofuu dandeenyeerra. Haa ta’u malee, iccitiiwwan Hawaa gadi fagoo jiran qorachuuf ija keenya qofti gahaa hin turre.

2026 Pack
2026 Pack
Get Yours

Jijjiiramni meeshaalee uumamaan qabnu irraa gara meeshaalee teeknooloojii fayyadamuutti godhame bara 1608 (A.L.A) jalqabe. Yeroo kanatti, ogeessi ijaarsa daawwitii Nezerlaandii, Haans Liipperseey, meeshaa jalqabaaf meeshaa wantoota fagoo ittiin ilaalan (Spyglass) jedhamee waamamuuf hayyama mirga kalaqaa gaafate. Meeshaan kun jalqaba wantoota fageenya irraa jiran akka waan nutti dhihoo jiraniitti mul’isuuf kan qophaa’e ta’us, bara 1609 (A.L.A) keessa Gaaliiliyoo Gaaliiliin meeshaa kana gara sadarkaa biraatti ceesise.

Bara 1609 (A.L.A), Gaaliiliyoo Gaaliiliin doo’innee yookiin leensii fayyadamuun teleskooppii yookiin kaleessituu mataa isaa ijaaruun gara samii qajeelche. Kanaanis ji’oota Juupitarii fi boollawwan Ji’aa argate. Kunis Hawaan ija qullaa keenyaan arginu caalaa baay’ee walxaxaa fi bareedaa ta’uu isaa mirkaneesse.

Teleskooppiiwwan 'Cannocchiali' jedhaman, kanneen Gaaliiliyoo Gaaliiliin hojjetaman jedhamee tilmaamamu, Muuziyeemii Gaaliiliyoo (Museo Galileo) magaalaa Firenzetti argamu keessatti daawwattootaaf dhiyaatanii jiru. (Kan gubbaa jiru: bara 1610–1630 (A.L.A); Kan gajallatti argamu: bara 1609–1640(A.L.A) | Madda suuraa: Sailko / Wikimedia Commons / CC BY-SA 3.0

Teleskooppiiwwan leensii fayyadaman guddinni isaanii dabalaa yeroo deemu, rakkoon tokko isaan mudate. Leensiin halluuwwan dambalii ifaa garaagaraa (fakkeenyaaf, diimaa, magariisaa fi cuquliisa) bakka xiyyeeffannoo tokko irratti walitti qabuu waan hin dandeenyeef, halluuwwan kun bakka adda addaatti xiyyeeffatu. Kunis suuraan wantoota ilaalaman ifa ta’uu akka dhabu; yeroo tokko tokko qarqara wantootaa irrattis halluuwwan adda addaa akka mul’atan taasisa. Rakkoon kun Chromatic Aberration (kiraametik abereeshinii) jedhama.

Related ሰዎች ማርስ ላይ ከመኖራቸው በፊት ናሳ ስለ አቧራው የጤና ገደብ ለምን አወጣ?


Rakkoo kana furuuf, Ayzaak Niwuton bara 1668 (A.L.A) keessa teleskooppii ifa calaqqisiisu (Reflecting Telescope), jechuunis teleskooppii daawwitii golbaa fayyadamu uume. Meeshaan kun leensiiwwan osoo hin taanee daawwitiiwwan gara keessaatti qallo’an fayyadama. Daawwitiiwwan kun ifa walitti qabuun bakka xiyyeeffannoo tokko irratti waan xiyyeeffataniif, suuraa ifa ta’e argamsiisu. Bara 1840 (A.L.A) keessa, Joon Wiiliyaam Diraapparsuuraa Ji'aa isa jalqabaa kaasuun, ifa suuraatti dhaabbataa ta’een galmeessuun akka danda’amu agarsiise.

Ijoota Hawaa Gurguddoo

Xiin-urjiin ammayyaa daangaa injinariingii ce’uun dandeettii ifa walitti qabuu guddaa horateera. Damee Xiin-urjii Ooptiikaalaa (Optical Astronomy), jechuunis qorannoo ifa ijaan mul’atu keessatti, teleskooppii xiqqoo Gaaliiliyoo irraa kaanee gara teleskooppiiwwan gurguddootti ceeneerra.

Advertisement
Hewa+ Ad
Ad

Har’a, buufatawwan qorannoo samii gurguddoon lafa irra jiran daawwitiiwwan bal’inni isaanii meetira 8 hanga 10 ta’e fayyadamu. Amma immoo teleskooppii daawwitii isaa bal’inni meetira 39 ta’e, suuraawwan wantoota fagoo Hawaa keessa jiran qulqullina olaanaa qabuun kaasuu fi qorannoo pilaaneetota urjiilee biroo naanna’an gaggeessuu danda’u, Teleskooppii Baay’ee Guddaa (Extremely Large Telescope – ELT) jedhamu ijaaruu irratti argamna. Teleskooppiin kun gaara Seeroo Armaazonees (Cerro Armazones) jedhamu irratti, Gammoojjii Ataakaamaa (Atacama Desert) Kaabaa Chiilii keessatti argamu irratti ijaaramaa jira. Ijaarsi isaa Dhaabbata Qorannoo Samii Awurooppaa (European Southern Observatory – ESO) tiin hoogganama.

Suuraan kun bifa Teleskooppii Baay’ee Guddaan (ELT) yeroo Gaara Seeroo Armaazonees irratti ijaaramee xumuramu qabaachuu danda’u agarsiisa. | Madda suuraa: ESO/L. Calçada

Damee dambaliiwwan Raadiyoo (Radio Waves) yoo ilaalle, kana irraayyuu milkaa’ina guddaa galmeessineerra. Dambaliiwwan raadiyoo dambaliiwwan Ooptiikaalaa caalaa dheerina dambalii baay’ee guddaa waan qabaniif, isaan walitti qabuuf antenaawwan gurguddoo nu barbaachisu. Fakkeenyaaf, Teleskooppiin FAST jedhamu Chaayinaa keessatti argamu, bal’inni dishii isaa meetira 500 ta’een, teleskooppii raadiyoo guddaa addunyaa irratti argamu keessaa isa tokko dha.

ESSS Classic Sticker Pack
ESSS Classic Sticker Pack
Get Yours

Karaa biraatiin,mala teleskooppiiwwan raadiyoo fageenya guddaa irratti argaman walitti hidhuun akka teleskooppii guddaa tokkootti waliin hojjechiisuu (Very Long Baseline Interferometry - VLBI) fayyadamuun, teleskooppiiwwan raadiyoo fageenya guddaa irratti addaddaan argaman walitti hidhuun akka teleskooppii guddaa tokkootti waliin hojjechiisuun ni danda’ama. Kunis dandeettii wantoota fagoo Hawaa keessa jiran adda baafachuu fi qorachuu keenya caalaatti guddisuu dandeessisa.


Malli VLBI kun suuraa gaaddidduu boollawwan gurraacha gurguddoo lamaa kaasuu nu dandeessiseera. Isaanis Sgr A*, boolla gurraacha guddaa wiirtuu Galaaksii  Milkii Weey keessatti argamu, fi M87*, boolla gurraacha guddaa wiirtuu galaaksii M87 (Virgo A) keessatti argamu dha. Suuraawwan kana irraa hammi gaaddidduu boollawwan gurraacha kanaa safarameera. Bu’aan safartuu kanaas tilmaama yaalii saayinsii duraanii wajjin kan walsimu ta’uun isaa mirkanaa’eera. Qulqullina suuraa teleskooppiiwwan kuniin argame kana hubachuuf, haala kana yaadaa: Paariis keessatti mana kaafee tokko keessa taa’anii, gaazexaa magaalaa Niiwu Yoork keessatti argamu dubbisuu danda’uu wajjin wal fakkaata!

Teleskooppii raadiyoo geengoo, bal'inni isaa meetira 500 ta'e FAST, kan kibba-dhiha Chaayinaa, naannoo bulchiinsa Guizhou keessatti argamu. | Madda suuraa: NAO/FAST
Related የፉካንግ ፓላሳይት (The Fukang Pallasite)

Rakkoo Qilleensa Naannoo Lafaa

Teleskooppiiwwan gurguddoo lafa irratti ijaaruu yoo dandeenye illee, qilleensi naannoo lafaa qorannoo saayinsii irratti dhiibbaa guddaa geessisa. Qilleensi naannoo lafaa dheerina dambalii ifaa garaagaraa irratti dhiibbaa adda addaa waan geessisuuf, akka foddaa xuraa’eetti ilaalamuu danda’a. Qilleensi naannoo lafaa ifa ijaan mul’atu (Visible Light) fi dambaliiwwan raadiyoo muraasa akka keessa darbaniif ni hayyama. Kanaafidha dishiiwwan raadiyoo gurguddoo fi teleskooppiiwwan Ooptiikaalaa lafa irratti ijaaruun kan danda’ame. Haa ta’u malee, ifni ijaan mul’atu gara lafaatti dhufu illee, jijjiiramni ho’aa fi sochiin qilleensaa naannoo lafaa keessatti uumamu kallattii ifichaa ni jijjiiru. Kunis suuraan wantoota samii irraa argamu akka dhiphatu ykn ifa isaa akka dhabu (Blurring) taasisa.

Dambaliiwwan Gaamaa (Gamma Rays), Raajii (X-rays) fi irra caalaan dambaliiwwan Ultraviolet (UV), kanneen anniisaa guddaa qaban, qilleensa naannoo lafaa keessatti, keessumaa kutaa isaa isa gubbaa keessatti ni xuuxamu. Akkasumas, hurki bishaanii fi kaarboon daayooksaayidiin irra caalaan dambaliiwwan Infrared akka gara lafaa hin geenye ni dhorku.

Dandeettii qilleensi naannoo lafaa dambaliiwwan elektiromaagneetawaa dabarsuu (Transmittance) ykn ittisuu (Opacity) agarsiisu. | Madda suuraa: NASA

Rakkoo kana furuuf, teleskooppiiwwan hedduun gara hawaa ergameera. Isaan keessaa, Teleskooppiin Hawaa Haabil (Hubble Space Telescope) bara 1990 (A.L.A) keessa, Teleskooppiin Hawaa Jaamees Weeb (James Webb Space Telescope - JWST) immoo bara 2021 (A.L.A) keessa gara hawaa ergame.

Advertisement

Teleskooppiiwwan kun qilleensa naannoo lafaa olitti waan argamaniif, qilleensi lafaa dambaliiwwan elektiromaagneetawaa tokko tokko akka hin geenye dhorkuu ykn ifa isaaniin dhufu jijjiiruu irraa bilisa ta’anii qorannoo gaggeessuu danda’u. Kunis dheerina dambaliiwwan elektiromaagneetawaa qilleensi lafaa xuuxu ykn dhorku irratti qorannoo gaggeessuu, akkasumas suuraawwan ifaafi bal’inaan argaman kaasuu isaan dandeessisa.

Ifa Ijaan Mul'atu Darbee: Daawwannaa Dambaliiwwan Garaagaraa 

Sadarkaan guddinaa dinqisiisaan biraan, ifni ijaan arginu (Visible Light) dambaliiwwan elektiromaagneetawaa Hawaa keessatti argaman keessaa kutaa baay’ee xiqqoo qofa ta’uu isaa hubachuu keenya dha. Fakkeenyaaf, galaaksiin raadiyeeshinii elektiromaagneetawaa dheerina dambalii fi firikuweensii (Frequency) garaagaraa qabu maddisiisa. Kanaafuu, caasaa, amalootaa fi sochii galaaksiiwwanii sirriitti hubachuuf, ifa ijaan mul’atu qofa irratti osoo hin daangeffamin, ifa isaan dambaliiwwan elektiromaagneetawaa garaagaraa keessatti maddisiisan walitti qabuu fi xiinxaluun barbaachisaa dha.

Galaaksiin Messier 51 (M51) dambaliiwwan ifaa garaagaraatiin yeroo ilaalamu; X-rays (Chandra) irraa kaasee hanga dambaliiwwan Raadiyoo (VLA)tti. Tokkoon tokkoon suuraa odeeffannoo saayinsii adda addaa waa'ee galaaksii kanaa nuuf kenna. | Madda suuraa: NASA/CXC/SAO; NASA/JPL-Caltech; NASA/AURA/STScI; MPIfR Bonn.
ESSS Color Sticker Pack
ESSS Color Sticker Pack
Get Yours

Xiinxala Raabsa Annisaa Dambaliiwwan Elektromaagneetawaa

Xiinxalli Raabsa Annisaa Dambaliiwwan Elektromaagneetawaa (Spectral Energy Distribution - SED), 'fuula dhokataa' galaaksii tokkoo saaxiluudhaan, amaloota isaa fi adeemsa garaagaraa keessatti raawwataman hubachuuf nu gargaara. Fakkeenyaaf:

  • Madaana Ultraviolet (UV): Galaaksii tokko keessatti urjiileen ho’aan, gurguddoon fi umuriin isaanii xiqqaa ta’e hammam akka jiran hubachuuf nu gargaara. Sababni isaas, urjiileen ho’aan kun madaana UV baay’ee maddisiisu. Kana malees, madaanni UV uumama urjiilee haaraa agarsiisuuf mallattoo barbaachisaa dha.

  • Madaana Infrared: Awwaara hawaa (Cosmic Dust) keessa darbuun, iddoowwan awwaaraan haguugaman keessatti uumama urjiilee haaraa qorachuuf nu gargaara. Awwaarri hawaa ifa ijaan mul’atu fi madaana UV xuuxee, anniisaa sana irra caalaan isaa akka madaana Infrared tti deebisee maddisiisa. Kanaaf, madaana Infrared qorachuun iddoowwan urjiileen haaraan itti uumaman hubachuuf nu dandeessisa.

  • Madaana X (X-rays): Wiirtuu galaaksii keessatti boolli gurraachi guddaan (Supermassive Black Hole) hammam akka socho’aa jiru hubachuuf nu gargaara. Keessumaa, wantoonni gara boolla gurraachaatti harkifamanii yeroo saffisaan naannoo isaa keessatti socho’an fi ho’an madaana X maddisiisu. Madaana kana qorachuun sochii wantoota boolla gurraachaa naannoo jiran fi adeemsa inni ittiin isaan harkisee liqimsu hubachuu dandeenya.